Yeron Gababduu

Yeron Gababduu Êşãţ Ñêđø Ñêđø Ýìțãfãļ Ćhìğìřìñã Mãķãřã Ķêťãğãšűť Ýãľfã?

10/04/2025
 ?▬***********************************❏ Cimina amala Leencaa keessaa waan tokko tokko: » Leenci kuruphee qabachuudhaaf l...
29/03/2025

?
▬***********************************
❏ Cimina amala Leencaa keessaa waan tokko tokko:

» Leenci kuruphee qabachuudhaaf lafa 100km yoo ari'e, kurupheen inni lafa dheeraa fiigsise sun lafa dheeraa jalaa baqattee, kan biraan haaraan turuf jettee yoo miilluma isaa jalaa itti baate, ishee lafa dheeraa ari'aa ture sana dhiisee, ishee haaraa faana hin fiigu! Sababni ishee lafa dheeraa ari'ee fide sana, adeemsa wal fakkaataa, dadhabbii wal fakkaataa keessummeessaniiru waan ta'eef, ishee fiigicha wajjin jalqabe sanatti xumura godhe malee kan biraa wajjin dorgee hin jalqabu. Milkaa'umsi leencaa dhoksaan isaa inni guddaan kanadha. Yoo harkaa baatellee, ciisee tasgabbaa'ee, qaama isaa haareffatee akkaataa itti kan biraa adamsee nyaatu irratti xiyyeeffata. Akkaataa itti harka keessa galfatu hunda dursee qophii xumura!

༄ Amala namaa keessaa dadhabaan immoo: Namoonni baay'een waan tokkicha irratti xiyyeeffatanii, sana galmaan ga'achuu irratti hin xiyyeeffatan. Mana shiroo tokko yoo banate, tokko immoo ollaatti dhufee yoo mana kompiyuuteraa banate, kana wayya fakkaata jedhee sana itti dhiisee, bifuma wal fakkaatuun innis mana kompiyuuteraa banata. Sana qabee kana qaba. Miilla lamaan bakka lama altokkotti fiiguu barbaada. Mul'ata dhuunfaa cichee hin qabu, yaada namaa jiraata! Yoo akka yaade ta'uufii didellee taa'ee fala irratti hin xiyyeeffatu. Taa'ee of hooqa. "Ani fala hin qabu!" jedhee lallaba bututaa ofitti lallaba.

Ergaa:
༄ Ati leenca caalaa cimaadha! Ogummaadhaan jiraachuu baradhu! Namni dandeettii mataa ofiitti ogummaan fayyadamee milkaa'ina barbaadu bira gahuuf:

➊. Milkaa'inaaf hawwii cimaa qabaachuu qaba!
➋. Mul'ata isaa fageessee irratti yaaduu qaba!
➌. Fedhii olaanaa qabaachuu qaba!
➍. Kaayyoo isaatiif cimee/cichee hojjechuu qaba!
➎. Waan hojjetu jaalachuu qaba!
➏. Waan hojjechuu qabu beekuu qaba!
➐. Gargaarsa namoota ciccimoo irraa argatetti fayyadamuu danda'uun irra jiraata!

Leencatu jedhani..Erga dhalatee hoolota waliin oolee bulee guddate. Akkuma isaanii marga dheedee bishaan dhugee mana tok...
16/03/2025

Leencatu jedhani..

Erga dhalatee hoolota waliin oolee bulee guddate. Akkuma isaanii marga dheedee bishaan dhugee mana tokko waliin bulaa oolmaa tokko waliin oolaa guddate. Leenci kun ilaalcha hoolaa of keessatti guddisuun amalaa fi ilaalcha hoolaa ofitti fudhatee ani Hoolaadha ofiin jedhee isaan waliin jiraata ture. Guyyaa keessaa guyyaa gaaftokkoo marga dheedicha irraa bishaan dhuguuf hora deemani. Achi ga'aniis bishaan dhuguu eegalani. Leenci sun utuu bishaan dhuguu bishaan sana keessatti gaaddidduu ofii isaa kan ta'e gaaddillee leencaa arguun leenci natti dhufe jedhee dheesse. Yeroo kana hoolonni lakki leenci nu nyaatu hin jiru jedhanii isa tasgabbeessanii suuta waliin imala isaanii gara marga dheedichaatti eegalani. Yaada leencaa kana keessa yaada hoolaa, ilaalcha leencaa kana keessa ilaalcha hoolaa, sodaa leencaa kana keessa sodaa hoolaatu fe'amee waan jiruuf hoolonni leenca ni sodaatuutii innis ani hoolaadha jedhee waan of ilaaluuf leenci na nyaata jedhee ni sodaata ture.

Guyyaa keessaa guyyaa gaaftokkoo utuu marga dheedanii leenci bosonaa asii achi halaalatti isaan argee maali leenci akkamitti hoolota nyaachuu dhiisee isaan waliin marga dheeda" yoollee beelli dhufe beela'ee du'a malee marga dheedaa? jedhee gara isaaniitti suuta qaxxisuu eegale. Yeroo kana hoolaa keessaa tokko argitee leenci nutti dhufe jettee kaachoo ya lukaa na baasii kaachuu eegalani. Leenci isaan waliin tures akkasuma. Yeroo kana Leenci bosonaa akkuma ta'etti kaatee leenca ani hoolaadha ofiin jedhu sana bira ga'ee qabe. Waliin dubbii mo'aafii mo'atamaa eegalani.

Leenca bosonaa🎤 ➡ati maaliif na baqatta?

Leenca hoolaa ofiin jedhu🎤➡ Hin na nyaattamooree?

Leenca bosonaa🎤➡ maal akkamitti sin nyaadha ati leenca mitii? Leenci leenca nyaataa?

Leenca hoolaa ofiin jedhu🎤➡ lakki ani hoolaadha. Hin argita mitii isaan warri si dheessan hoolaa mitii? anaatiin maaltu adda na godhe?

Leenca bosona🎤➡ lakki haadhookoo hin dogongoriin ati leencadha bar! ofin argituu mee of ilaali maalkeetu hoolaadha? yoo ilaalchakee malee ittiin gaafa jedhu dhugumayyuu jedhee yoo of ilaalu Leenci hoolaa ofiin jedhu leenca waliin tokkuma. Amma leenci gar lamatti of hire leenci hoolaa ofiin jedhu. Qaamaan, uumamaan leenca. Garuu ilaalchaa isaaf hoolaa ta'eera.
Kanaafuu jedhee leenci bosonaa akka ta'etti isa amansiisee gara bosonaatti waliin qajeeluun jireenya hadamoo eegalani. Leenci dur marga dheedaa ture foon isaaf malu nyaachuu eegale. Ani duriyyuu oolmaa badeen marga dheede, ilaalchakoo dhiiseen ilaalcha hoolaan jiraadhe ofiin jedhee ofitti gaabbee leenca isa tokkoon galateeffatee waliin jireenya mijataa jiraachuu eegalani jedhama.

Kanarraa maal barranna?
1. ati eenyu ofiin jettaa?
2. ilaalcha akkamii ofiif qabdaa?
3. oolmaankee eenyu waliinii?
4. hojiin ati hojjetaa jirtu dhuguma siin ni madaalaa?
5. dandeettiin namoota gaarii si gorsanii dhaggeeffachuunkee hammami?

gaaffilee armaan olitti jiru kana irraa ni baratta jedheen abdii guddaa qaba. Waan dubbisteef galatoomi!

US Ameerikaan garee Hawuutii Yaman qilleensarraan haleeluu beeksifte ****US Ameerikaan garee Hawuutii Yaman keessa jiru ...
16/03/2025

US Ameerikaan garee Hawuutii Yaman qilleensarraan haleeluu beeksifte

****
US Ameerikaan garee Hawuutii Yaman keessa jiru irratti haleellaa qilleensaa ''murteessaa fi humna guddaa qabu'' jette eegaluu beeksifteetti.

Pirezidaantii US Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii "Truth'' jedhamu irratti barreessaniin, haleellaa gareen hidhattootaa Hawutii dooniiwwan Galaana Diimaa irratti raawwate akka sababaatti kaasaniiru.

"Hidhattoonni garee Hawuutii kan maallaqa Iraanin deeggaraman, xiyyaarota US Ameerikaa irratti misaa'ela dhukaasaa turaniiru, akkasumas loltoota keenya fi michoota keenya irratti xiyyeeffataniiru,

Saamicha galaanaarraa, haleellaa fi shororkeessummaa doolaara biliyoonaan lakkaa'amu baasuu fi lubbuu namaa balaadhaaf saaxilee raawwatraniiru" jedhan Tiraampi ergaa isaaniitiin.

Haleellaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 15 du'uu fi namoonni sagal ammoo madaahuu, odeeffannoo gareen Hawuutii baase ni mul'isa.

Gareen Hawutii ammoo heleellaa US Ameerikaa kanaaf deebii akka kennu dhaadachuu isaa, BBCn gabaaseera.

DU,AA JALAA HIN MILIQXXUU!▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰        ➊◈. Nama hin miidhiin! Addunyaa kanarraa gadhummaan hamma nama miidh...
03/03/2025

DU,AA JALAA HIN MILIQXXUU!
▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰

➊◈. Nama hin miidhiin! Addunyaa kanarraa gadhummaan hamma nama miidhuu, hamaa namatti yaaduu, milkaa'ina namaatti inaafuu caalu hin jiru. Ilaamee ati har'a gaafa nama miitu, akka har'a nama miite kanatti boru akka miidhamtu beeki. Wantoota namummaa kee ol-kaasanii ibsu danda'an keessaa tokko nama miidhuu dhiisudha.

❷◈. Nama hunda gammachiisuuf ammoo hin dhama'in! Namni hundi siif hin gammadu. Hojii keettis hin gammadu. Akka siif ta'etti isaaniif ta'uu dhiisuu danda'a. Fedhiin namaa tokkoo miti. gargar waan ta'eef namni hundi siif hin gammadu.

❸. ◈Namootarraa waan guddaa hin eegin! Akka ati yaaddetti, akka ati eegdetti, bakka ati eegdetti namni hundi hin argamu. Ati waan guddaa hojjedhu. Namoota biroof fakkeenya ta'i malee, namarraa waan guddaa hin eegin.

❹. ◈Jijjiirama/jijjiiramuu hin sodaatin! Kaleessa amala badaa qabda ta'uu mala yookaan nama danuudhan tuffatamuu, yookaas ammoo nama hamaa ta'uu malta. isa sanarraa gara nama gaaritti jijjiirramuu hin sodaatin. Yookaan ammoo kaleessa nama gaarii turte taanaan har'as gaarummaa kee isa kaleessaa sana cimsii sanaa'ilitti jijjiirramii muul'adhu. Jijjiiramni sodaa hin barbaaduu hin sodaatin.

❺. ◈Waan darbe yaadattee itti hin miidhamiin, irraa baradhu malee! Waan darbe yaadattee keessa kee of-miita taanaan, ati yoomiyyuu kufaa deemta. "Isa kaleessaaf dhiphachuun isa har'aa balleessudha" Isa jedhan sana deddeeba keetti yaadadhu. Kan darbe darbeera duubatti deebisuu hin dandeessu akkasumaan itti dhiphatta. Taatee kaleessa ta'e irraa fuulduraaf irraa baradhu.

❻. ◈"Ani namaa gadi" jettee hin yaadiin! Ati yoo iddoo guddaa ofiin kennine namni biroon iddoo guddaa siifin kennu. "Akka abbaan of-kabajetti ormis nama kabaja. Barcumaa fii ulfina abbaatu of-jala kaa'a!" Jedhee Isa Oromoon mammaaku sana yaadadhu.

❼. ◈Waa'ee jiruuf jireenyaa yaadi malee, humnaa ol hin dhiphatin (hin yaadda'iin)! Humnaa ol yaadda'uun dhibee sammuu fida. Kana qofaa miti, yaaddofni humnaa olii m

Address

Dire Dawa

Telephone

+966581938670

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yeron Gababduu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Hotel

Send a message to Yeron Gababduu:

Share